Mengistu Guteta Chela
Seenaa Mangistuu Guuttataa Callaa
Mangistuu Guuttaataa Bara 1967,Ebla 5 Abbaa isaanii Obboo Guuttaataa Callaa Haadha isaanii Addee Xurunaash Baantii irraa Dhalaataan, Kan dhalataanii guddataaniis Godinaa wallaggaa lixa aanaa Laaloo Assaabiitti Dhalataan guddataan, akkasumaas akkumaa umuriin isaanii barnootaaf ga’een bara 1974 Mana Barumsaa Dongoroo Geeboo kutaa 1 hanga saddeettitti mana barumsaa kana barachaa turaaniruu, akkasumaas hiriyyoonnii isaanii akka jedhanitti Obboo Mangistuun barnoota isaatti nama cimaa fi nama amalaa qabeessaa ture jedhuu.
Haalumaa kanaan Obboo Mangistuun Bara 1982 kutaa 8ffaa isaanii xumuraan kutaa 9tti darbaan. Akkumaa kutaa sagalittii darbaaniin walitti bu’insii naannoo maatiif namootaa naannoo nuu irraattii ijaaramaaniin manaatti dhufaan Abbaa isaanii fi haadha isaanii ajjeesuu dhufaan, haalumaa kanaan walitti bu’insaa qabanneessuuf gidduu dhaqee namni gadhaab jedhamuu lubbuun isaa darbinaan situu ajjeesse jechuun qabanii ji’aa 8tiif mana hidhaatti darbataan…utumaa kanaan jiru mana hidhaa keessaa ji’aa saddet (8) ergaa ture booda, maatiin fuudhu qabda malee jedhaanii humnaan utuu umuriin isaa hin ga’iin bara 1988 fuusisaan ergaa fuusisaan booda mangistuun 1990-1991 mana barumsaatti deebi’uun kutaa 9ffaa fi 10ffaa baratee fiixe, ergaa fiixeen booda qabxiin kutaa 11 dhufee jennaan kutaa 11 irraa barachuu irraa maatii koo guddisuu wayyaa jedhee utumaa hojjetuu kutaa 10ffaan bara 1997 wajjiraa Misoomaa fi Itti fayyadamaa lafa baadiyyaatti Oggeessaa safaraa lafa ta’ee hojjechaa ture,
Akkasumaas Obboo Mangistuun nama mana waaqayyoo ijaaruuf tattaffataan, kana malees bara 1997-1998tti jaarsoolii waaldaa ta’uun hojjeechaa turaan, mana waaqayyoofiis inaaffaa guddaadhaan mana waaqayyoo ijaaruuf tattaaffi guddaa irraa turaan. haalumaa kanaan sadarkaa barnoota isaas guddifachuuf bara 2000-2003tti st. Mary's University tti Diploomaa isaa fudhaate, Akkumaa fudhateen gita hojii isaa irraatti hojii argatee hojjechaa ture. Haalumaa kanaan waan hundumaan erga guddachaa dhufee maatii fi namoota naannoo biraatti jallatamaa dhufee akkasumaas hojii dhunfaa isaas hojjechaa namoota Wal ajjeessaan, namoota wal lolaan, namoota gaa’elaa isaanii irraatti wal hiikaan deeme araarsaa ture.
Haalumaa kanaan Bara 2009tti hojiin isaas nama walittii araarsuu fi nama waaqayyoos waan tureef Abbaa Gadaa ta’ee filaamee hojjeechaa ture. Haalumaa kanaan Godinaa Wallaggaa lixaa keessaa deddebbi’ee namootaa Gumaa, namoota ga’eelaa isaanii gargar hiikaan deeme walittii araarsaa tureeraa. Obboo Mangistuun Haadhaa mana 2f ijoollee 13 nama qabuudhaa
Haalumaa kanaan obboo mangistuun nama jallatamaa fi nama nama kabaaju, nama waaqayyoon sodaatu, Jaarsaa Araaraa ture, kanaan utuu jiru ololaa sobaan humni ABO-Shanee jedhamuu Caamsaa 07,2011 dhufaani mana maatii isaanii giddudhaa halkaan keessaa sa’aati shanitti (5:00) buutun dhaqaani bakka namni hin argineetti ajjeessuun dhoksaani reeffi isaaniis guyyaa sadaffaatti namoota naannoo fi Abbaa Gadaan lafa kaafamee awwalamee…………
Seenaan si Yaadataa Lubbuun kee haa jannaattuu……